Turanii Handhuuruu (Delayed Cord Clamping)

Handhuuruun Maali?

Hiddi handhuuraa hidda nyaata fi dhiiga obbaatiirraa gara mucaatti dabarsu. Akkuma mucaan dhalateen fi otoo obbaatiin gadameessarraa hin kaacha’iin ykn hin gadhiisiin hojiin hidda handhuuraa, nyaataa fi dhiiga gara mucaatti dabarsuun kan itti fufu yoo ta’u, erga obbaatiin bahee ykn dhalatee booda garuu hojiin kun ni dhaabbata. Hiddisaa dhiiga of keessaa fixee kan addaatu yoo ta’u, uraawwan handhuurarraa ka’anii gara onnee deeman hamma mucaan dhalatee ofiif afuursee oksijiinii isa barbaachisu argachuu fi nyaata fudhatee of gargaaruu danda’utti gargaaraa turan duuduu/cufamuu calqabu. Mucaan dhalates boohee afuura fudhachuu mirkaneessa, harma hodhee nyaata barbaachisu fudhata.

Handhuuruun (cord clamping) adeemsa hidda handhuuraa kutuudhaan obbaatiirraa adda baasuuti. Yoom handhuuruun akka calqabame beekuun baay’ee rakkisaa yoo ta’es, gochi kun dhufaatii wal’aansa ammayyaa wajjin akka wal qabatu ni himama. Dur durii deessiftoonni hanga obbaatiin dhalatutti hidda handhuuraa akka hin kunnee himama. Handhuuruun dhumaatii jireenya daa’imaa kan garaa keessaa kan agarsiisu yoo ta’u dabalataanis guutummaa guutuutti jireenya daa’imaa lafarraa haarawaa kan agarsiisu waan ta’eef sirna gatiinsa/awwaaluu obbaatii wajjiniin kabajni addaa ni godhama. Haatillee gammachuu daa’imnishii dhalachuu fi gadda hidhata daa’imashii wajjin qabduu kan yeroo garaashii keessa yeroo jiruu wal keessa ijaa itti dhagahamuuf fi walittti dhufeenya mucaashii wajjin akka haarahaatti harma hoosisuudhaan calqabdu kana karaa ittiin kabajan waan ta’eef bakka addaa akka qabu ni himama. Kanaafuu otoo hin handhuuriin dura kabajni godhamuufii akka jiru dur durii odeessu. Haadholiin gurguddoon kan seenaa kana beekanillee naannoo keessanii hin dhabamani gaafadhaa.

Akka seenaatti handhuura muruu ykn guduunfuu ykn mucaarraa fageessanni ibiddaan gubanii addaan baasuun akka ture ni himama. Mana yaalaatti maqasii ciniinuun bakka lamatti erga hidhanii booda gidduusaa fohaa qal’oodhaan hidhu ykn meeshaawwan sirriitti qunxuuxuu dandahaniin qabsiisu. Namoonni dur handhuuruu dhiisuudhaan obbaatiin akkuma jirutti irratti dhiisuudhaan hiddi handhuuraa ofiisaatiin gogee hamma irraa bu’utti dhiisanillee akka turan himama. Adeemsi kun guyyaa sadii hanga shanii yoo fudhatu, obbaatiin yeroo turu foolii ijaa fiduuf fi tortoruullee ijaa danda’uuf kun akka hin taaneef ashaboo fi baalawwan adda addaa itti gochuudhaan tursu. Har’allee biyyoota guddatanitti hidda handhuuraa otoo hin kutiin hamma gogee ofii citutti tursuu (Lotus Birth) kan raawwatan jiru.


Yoom/Maalif Handhuuruun Calqabame?

Jalqabbiin handhuuruu gara jaarraa 17ffaatti duuba deema. Yeroo dubartoonni mana yaalaa dhaqanii akka dahan jajjabeeffaman, yeroo tokko tokkommoo dirqisiifaman fi yeroo deessiftoonni aadaa akka hin deessisne ololli adda addaa irratti gaggeeffamuu calqabetti adeema. Naannoo calqaba Jaarraa 20ffaatti akkuma mucaan dhalateen sakandii 10-15 keessatti dafanii handhuuruun jajjabeeffame. Yeroon kun seenaa dahumsaa biyyoota guddatanii keessatti seenaa gurraacha jedhama. Sababiinsaas, yeroon kun yeroo doctoroonni dhiiraa gara deessisuutti itti dhufani. Yeroo safuun dubartootaa cabee, dahumsi akka dhibeetti lakkaahamuu calqabedha. Yeroo dubartoonni otoo isaan hin dhukkubiin akka dahuu dandahan itti himamee qorichi qaama hadoochu/of wallaalchisu itti kennamee otoo isaan hin dhagahiin fi itti hin beekamiin dahuu calqabani. Yeroo harma hoosisuun balaaleeffamee daakuu aannanii daa’imatti kennuun jajjabeeffamuu calqabame dha. Yeroo kun yeroo dubartiin yeroo ciniinsuu sosocho’uu dhowwamtee qucuummattee ykn jilbibbiin dahuu dhowwamtee haala dahumsa uumamaa jeequun ciistee akka deessu dirqamte dha. Uumaa jeequun kunis rakkinoota baay’ee har’a dubartoonni baay’een dahumsa booda ittiin rakkataniif sababa ta’uu danda’eera.

Kanaan walqabatee, qorichi isaan akka hadoochuuf ykn of wallaalchisuuf kennamu kun karaa hidda handhuuraa gara mucaatti deemuudhaan mucaas hadoochuu/miidhuu ijaa danda’uuf akkuma mucaa deessisaaniin dafanii handhuuruu calqabani. Handhuurri hatattamaan yoo kutamuu baate dhiigni gara mucaatti dhufu mucaa miidhuu danda’a amantiin jedhu kan saayinsii kamiinuu hin deeggaramnellee sababa kan biraati. Akkasumas, obbaatiin uumamaan ciniinsuu ogeessaan hin jeeqamne irratti ofiisaa bahu amma erga dubartiin qorichaan dahuu calqabdee booda gargaarsaan bahuu qaba gara jedhutti ijaa deemameef, ofiisaanii harkaan gadameessa keessa olseenanii baasuuf akka isaanii mijatuuf dafanii handhuuruu calqabani. Sababiin sireen irratti deessu dhiigaan akka hin cuuphamne/tortorre, eeguun yeroo dheeraa waan fudhatuuf deessuu baay’ee gargaaruuf(achumaan galii guddifachuuf) akkasumas calqabbiin dhiiga daa’imaa qocanii kaahuu (Cord blood banking) biyyoota alaatti calqabamuullee kan biroodha.

Boodarra, baay’ina gochoota uumaa dahumsaa jeeqaniin kan akka dubartiin akka dugdaan ciistee deessu dirqisiisuu, qorichaan ciniinsuu calqabsiisuu, ibsaa boggee keessa akka ciniinsifattu gochuu (dahumsi uumaan dukkana barbaada. Mee bineensota/bineeldota dhalan ilaalaa), namoonni dubartiin ciniinsifattu hin beekin naannooshii baay’achuu, safuun cabuu, deddeebi’anii banamuu balbala gadameessaa qubaan ilaaluu, fi kkf rakkinoonni yeroo dahumsaa fi dahumsa boodaa kan akka ciniinsuun dheerachuu fi yaa’uun dhiigaa dahumsa boodaa baay’achaa dhufani. Yaa’uun dhiigaa dahumsa boodaa (Postpartum hemorrhage) sababa deessuun ittiin duutu keessaa isa duraati. Kana hambisuuf gochi “Active management of third stage of labor” jedhamu gorfame. Kana keessattis wantoonni sadii akkuma dubartiin deesseen ni raawwatamu. Kanneenis, qoricha gadameessi akka shuntuuru gargaaru (oxytocin/pitocin) waraanuu, handhuuruu fi obbaatii gargaaranii akka bahu gochuu dha. Gochi kun addunyaa maraan akka duukaa bu’amu kan gorfame yoo ta’u, Afriikaa keessatti akka dirqamaatti duukaa bu’ama. Gochi kun qorannoowwan yeroo dheeraaf godhamaniin yaa’uu dhiigaa dahumsa booda dhufu hambisuuf baay’ee akka gargaaru yoo himames, dafanii handhuuruun garuu homaa jijjiirama akka hin finne irra gahameera. Dabalataan qorannoo baay’een dafanii handhuuruun daa’imni dhiiga argachuu malu dhowwuudhaan rakkinni baay’een akka irra gahu kan saaxilu ta’uu agarsissee jira. Kanaafuu WHO’n turanii handhuuruun faayidaa baay’ee akka qabu ibsee jajjabeessuu calqabe. Haaluma kanaanis handhuuruun dura yoo xiqqaate daqiiqaa 1 turuun ykn hamma dhahannaan hidda handhuuraa dhaabatutti turuun barbaachisaa akka ta’e WHO’n gorsa haarawa baase. Garuu, faayidaan turanii handhuuruu yoo baay’ee ta’es hammam turanii akka handhuuruun bayeessa ta’e qulqulleessee kan ibsu hin argamne. WHO’n daqiiqaa 1 yoo jedhu, American College of Obstetrics and Gynecology (ACOG) sakandii 30-60 jedha, The Society of Obstetricians and Gynaecologist of Canada (SOGC, 2021)- daqiiqaa 1-3 , kan Awustraliyaa sakandii 30-180, ….waldaawwan ogeessota naannoo dahumsaa kan biyyoota adda addaa waan adda addaa jedhu.

Faayidaan Turranii Handhuuruu Maali?

Hir’inni dhiigaa daa’immanii sababa duraa daa’imman ittiin du’ani. Keessattuu biyyoota guddachaa jiran keessaa isa duraati. Turanii handhuuruun hir’ina dhiigaa ji’a jahaa hanga waggaa tokkootti irraa ittisa. Daa’imman otoo yeroonsaanii hin gahiin dhalataniif immoo faayidaansaa baay’eedha.

Dabalataan, yeroo dhiigni gara daa’imaa deemu hundi deemee dhumu, obbaatiin hammaan xinnaachuudhaan salphaadhumatti gargaarsa ogeessaa malee carraan dhalachuusaa guddaadha. Obbaatiin rakkina malee dhalatu carraa dhiiguu haadaallee akka malee hir’isa.

Hanga obbaatiin dhalatutti handhuuruu yoo dhiifne, daa’imni akkuma dhalateen haadha bira turuufillee carraa guddaa qaba. Kunimmoo walitti dhufeenyaa fi jaalala haadhaa fi daa’imaa kan cimsu yoo ta’u, haatis yeroodhaan harma hoosisuu akka calqabdullee jajjabeessa.

Ogeessonni tokko tokko, daa’imni dhalatee afuursaa hin jiru yoo ta’e handhuuruun dirqama akka ta’etti fudhatu. Qorannoowwan amma dhufaa jiran akka ibsanitti garuu, otoo ogeessonni otoo handhuura hin kutiin daa’imni akka afuursu gargaaruu baranii (Rescusitation), carraan daa’imni sun dafee gargaarsa ogeessaaf deebii kennuu ykn afuursuu calqabuu guddaadha. Mee yaadaa; hiddi handhuuraa kutamuu dhiise jechuun dhiigni oksijiinii qabu mucaa bira dhufaa jira jechuu miti? Daa’ima karaa handhuuraan oksijiinii gahaa argachaa jiru gargaaruumoo daa’ima irraa kutamee jiru gargaaruu wayya? Rakkina mudaterratti hundaahuu akka danda’u anis hin daganne, daa’imni gara kutaa daa’imman baay’ee miidhaman deemuu qabu jiraachuu ni danda’a. Daa’imman baay’een garuu yeroo xiqqoof meeshaadhaan afuursuu yoo gargaarre dafanii deebi’u. Ho’i haadhaa fi sagaleenshiillee yeroo resasiteet goonu daa’ima kanaa akka gargaaru qorannoowwan haarawaan as bahaa jiru.

Ogeessonni Faayidaa Kana Hinbeekanii?

Kan beekan jiru, kan hin beekinis jiru. Biyyoota guddatanitti wanti baay’een sababa namoonni mirgasaanii baraa dhufuutiin jijjiiramaa jira. Dhukkubsattoonni kana nan barbaada kanammoo hin barbaadu jedhanii ofii filachuun barameera. Dabalataan ogeessonni beekumsasaanii bal’isuu fi fooyyeessuuf tattaafatu, hunda miti. Kaka’umsi barreefama kana barreessuus wal barsiisuu fi wal fooyyeessuufi. Dabalataan birookraasiin hospitaalota keessaa waan baay’ee akka ogeessonni hin gooneef dhukkubbii itti ta’uu ni danda’a. Dubartoonni dahan mirgasaanii akka deessuutti qaban haalaan baruu qabu. Odeeffannoo gahaa barbaadanii ogeessotasaaniitiin qooduu, gaafachuu fi yeroo barbaadametti mirgasaaniif falmachuu qabu. Hanga rakkinni hin jiraannettis dahumsa uumamaa jeeqanii rakkoo kan biraatif saaxilamuun barbaachisaa akka hin taane baruun barbaachisaa dha.


Madda

  • https://www.ncbi.nlm.nih.gov/pmc/articles/PMC3423128/

    https://pubmed.ncbi.nlm.nih.gov/26975125/

    https://pubmed.ncbi.nlm.nih.gov/22843002/

    https://angieevans.ca/2021/07/08/delayed-optimal-cord-clamping/#:~:text=The%20Society%20of%20Obstetricians%20and,usually%20advantageous%20for%20the%20baby.

    https://www.fraserhealth.ca/-/media/Project/FraserHealth/FraserHealth/Health-Professionals/Professionals-Resources/Neonatal-resuscitation-program/Delayed_cord_clamping_clinical_practice_guideline.pdf?la=en&rev=390140bb76784325b812b90f59685662&hash=16CE74AA0263E3501C1DB70511D8BE410616D8D1

    https://www.sciencedirect.com/science/article/abs/pii/S0266613885800061

    http://www.med.umich.edu/1libr/Pediatrics/LotusBirthHandout.pdf

    https://pubmed.ncbi.nlm.nih.gov/31013574/






Tigist EjetaComment